Fana: At a Speed of Life!

Qoqqobbiiwwan Biyyoota Lixaa Raashiyaan dandeetti ishee akka guddistuuf carraa uumeera-Dimiitirii Peeskoov

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC)- Qoqqobbiiwwan Biyyoonni Lixaa kaa’aan Raashiyaan dandeettii ishee sirnaan akka fayyadamtu taasiseera jedhan Dubbii Himaan Kireemliin Dimiitirii Peeskoov.

Dimiitirii Peeskoov Biyyoonni Lixaa waraana Raashiyaa-Yuukireeniin walqabatee Moskoorraan qoqqobbiin damee hedduu kaa’an carraa gaarii uumuu dubbataniiru.

Qoqqobbiiwwan kunneen beekumsa biyya keessaa xiyyeeffannan fayyadamuun oomishaalee alarraa gala turan dandeettii ofii isheen akka bakka buustu kan taasiseedha jedhaniiru.

Qoqqobbiiwwan damee hedduu Raashiyaarra kaa’aman dandamachuu danda’uun biyyoota Lixaa rifaasisuu kaasaniiru.

Faallaa kanaan dhaabbileen Biyyoota Lixaarraan kisaaraan Doolaara biiliyoona 250 ga’uu ibsameera.

Kana malees, biyyoonni Awurooppaa hariiroo daldala boba’aa Raashiyaa waliin qaban addaan cituun biyyoonni kunneen hirkattoota dhiyeessii annisaa qaala’aa Ameerikaa akka ta’an dirqamsiisuu himaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov gama isaaniin, qoqqobbiiwwan kaa’aman hordofee Moskoon sirna daldalaa dhiibbaa biyyoota Lixaarraa walaboomee akka ijaartu dubbataniiru.

Bu’uuruma kanaan kooriidarootaa daldalaa haaraa fi fuuncaawwan dhiyeessii hundeessuuf kan murteessite ta’uu dubbachuu RT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.