Fana: At a Speed of Life!

Qophii imala Hajjii fi Umraarratti mari’atame

Finfinnee, Muddee 27, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Indiriis qophii imala Hajjii fi Umraarratti qondaala Saawdii Arabiyaa waliin mari’atan.

Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Indiriis, Ministeera Hajjii fi Umraa Saawdii Arabiyaatti muudamaa sadarkaa ministiraa Dooktar Huseen biin Naasir Al Shariif waliin Makkaatti mari’atan.

Turmaata isaanitiinis qophii fi haal duree imala Hajjii fi Umraa waggaa 1441ffaa irratti mar’ataniiru.

Fedhii waloo fi dhimmoota imaltootaf mijachuu qabanirrattis mari’ataniiru.

Marii taasifameen booda imala Hajjii fi Umraa 1441ffaa tumsaan milkeessuuf waliigalteen mallatteeffameera.

Waliigalteen mallatteeffames Ityoophiyaanota garas imalaniif haala mijeessuu, turmaata isaanitiinis tajaajila si’ataa akka argatan taasisuurratti kan xiyyeeffatedha.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.