Fana: At a Speed of Life!

Qophii fi hirmaannaa Olompiikii Tookyoof Birrii biiliyoona 1 walitti qabuuf karoorfame

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Qophii fi hirmaannaa Olompiikii Tookyoof Birrii biiliyoona 1 walitti qabuuf karoorfamuu Koreen Olompiikii Ityoophiyaa beeksiseera.

Koreen Olompiikii Tookyoo Ityoophiyaa haala qophii Olompikii bara Faranjootaa 2020 ilaalchisee marii gaggeessera.

Haala qindeeffama koree biyyaalessaa, galii walitti qabuu, miseensota horachuu, gaggeessaa atleetotaaf godhamuu fi dorgommichaan haala qabatamaa biyyaa beeksisuuf karoora qophaa’e irratti mariin gaggeeffameera.

Korichi deeggartoota horachuun qophii fi hirmaannaa olompiikiif Birrii biiliyoona 1 ol walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu preezdaantiin Koree Olompiikii Ityoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgiis dubbataniiru.

Galii kanas seektaroota mootummaa, qophii fi hirmaannaa bulchiinsa naannolee, teeletoonii, ergaa gabaabaa bilbilaa fi ispoonsara irraa walitti qabuuf karoorfamuun isaa ibsameera.

Deeggartoota miiliyoona 12.5 horachuuf yaadamee hojjetamaa jiraachuu Dooktar Ashabbir ibsaniiru.

Maddi:-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.