Fana: At a Speed of Life!

Qophii baajata mootummaa federaalaarratti mari’atame

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Qophii baajata mootummaa federaalaa bara baajataa 2013rratti mari’atame.
 
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti koreen dhaabbii galii, baajataa fi faaynaansii hoggansa Ministeera Maallaqaa FDRI waliin qophii baajata bara 2013 irratti mari’ataniiru.
 
Qophii baajatichaarratti ministir deettaan ministeerichaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny ibsa laataniiru.
 
Gamaaggamni baajata 2012 gaggeeffamuun dhiibbaan weerara vaayrasii koroonaas ilaalcha keessa galuu ibsaniiru
 
Baajata kaappitaalatii fi deeggarsa misooma waaraa mootummoota naannoleetif Birrii biiliyoonni dhibbi 4 fi biiliyoonni 76 ramadamuun ibsameera.
 
Kana keessaa Birrii biiliyoona dhibbi 3 fi biiliyoona 50 maddoota galii biyya keessaa fi gargaarsarraa sassaabuuf karoorfameera jedhan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.