Fana: At a Speed of Life!

Qoodaa fudhattoonni siyaasaa biyyaattii sochii seeraan alaa fi qajeelfamaa hinqabnerraa of qusachuu qabu-Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Qooda fudhattoonni siyaasaa biyyaattii sochii seeraan alaa fi qajeelfama hinqabnerraa of qusachuu qabu jechuun Paartiin Badhaadhinaa ibse.

Paartichi haala yeroo biyyattii ilaalchisuun ibsa baaseera.

Ibsichaanis ka’umsaa fi ga’umsi hojii fi ejjennoon paartichaa itti fufiinsa, badhaadhinaa fi nageenya ummataa Ityoophiyaa ta’uu ibseera.

Haaluma kanaan bu’uura biyyaalessaa hinraafamnerra dhaabbachuun ummataa biyyatti hundaaf gaachana waloo kan ta’ee Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyaa ijaaruuf tattaaffiiwwan heera bu’uureffatan taasisuun erga eegalame bubbuluu ibseera.

Yeroo kakaasii filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa humnoota addaa naannolee akkaataa heera mootummaan irraa deebiin akka gurmeeffaman ejjennoo jiru ummataaf ifoomsuu yaadachiiseera.

Kanaafis akeekni hiika sirriirraa maqeef saaxilamuun sochii humnoota addaa deebisanii gurmeessuu, akka qaamolee tokko tokkoon jallifamee himamuu murtoo ariitiin taasifame utuu hintaane qorannoon, marii fi tasgabbiin bala’aadhaan waliigaltee waloon murtoo irra ga’ame ta’uu hubachuu barbaachisa jedheera.

Dhimma kanarratti humnoonni addaa fi ummatoonni naannolee, heeraa mootummaa haala bu’uureffatee fi haalaa nageenyaa fi tasgabbii fooyya’aa haala eegeen hojiin deebisanii gurmeessuu hojjetamuu akka qabu karaa garaagaraa mootummaa fi paartichaaf ibsaa turuu beeksiseera.

Waan ta’eef, fedhii ummataa tilmaama keessa kan galchee fi heera mootummaa kan bu’uureffate akka ta’ee hubachuu barbaachisa jedha.

Heeraa mootummaarraatti akkaata walhinfalmisiisnetti kan kaa’amee jiru, ummataa fi biyya haleellaa diinaa kamirrayyuu kan qolatu humna biyyaalessaa ijaaruuf aangoo fi itti gaafatama kan qabu mootummaa federaalaa qofa akka ta’e ifatti kaa’amuu eeruun, mootummoonni naannolee nageenyaa fi tasgabbii naannoo isaanii kan eegsisu poolisii naannoo akka gurmeessan heera mootummaan raggaasifameera.

Bu’uuruma kanaan barbaachisummaa humnoota addaa naannolee irra deebiin gurmeessuun dhimma sirrii hinturre, tattaaffii murtoo sirrii taasisuu malee akeeka biraa akka hinqabne ifatti beekamuu akka qabu eereera.

Paartileen morkattootaa fi hoggantoonni isaanii tokko tokko akkasumas namoonni rogeeyyii ofiin jedhan dhimmichi dhimma naannoo tokko hidhannoo hiikkachiisuu taasisuun dhiyeessuu fi dhimmicha ibsuun kan itti fayyadaman “Cabsuu, dachaasuu, diiguu, facaasuu…” kan kana fakkaataniin ibsuun, maddi isaanii eessa akka ta’e fi filannoon isaanii akkam akka ta’e xiinxaluun dhimma kanaaf faayidaa hedduu qabaachuu baatus, galmi isaanii garuu bu’aa siyaasaa kufaaf afeeruu fi ummata dogoggorsuuf yaaluun, fedhii fudhatamummaa yeroo argachuuf tattaafachuu akka ta’e salphaatti hubachuun ni danda’ama.

Kana waan ta’eef sochii seeraan alummaa fi qajeelfama hinqabne biyya gatii olaanaa kaffalchisuurraa akka of qusatan paartichi hubachiseera.

Dhimmi guddaan paartichi ibsuu barbaadu humna addaa hidhannoo hiikkachiisuu osoo hin taane daran hidhachiisuu, bittimsuu osoo hin taane bu’uura cimaarratti gurmeessuu ta’uun dhugaa wal nama falmisiisne ta’uu eereera.

Humni addaa naannolee hundaa rakkooleefi injifannoowwan biyyaalessaa keessatti ashaaraa cululuqaa kan qaban ta’uu paartichi akka amanu ibsameera.

Tajaajila lubbuu isaanii qabsiisuuniifi homaa tokkoonuu hin shallagamne kennaniif kan galateeffatu ta’uu kaafameera.

Humnoonni addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaafi Poolisii naannoo keessatti gurmaa’uun biyyaafi uummata tajaajiluun uummata biyyattii hundaaf gahee olaanaa kan qabu ta’uu fi jijjiirama bu’uuraa kan argamsiisu ta’uu ibsa paartichaan addeessameera.

Humnoonni addaa tajaajila hanga ammaatti kennaa turan caalaatti gurmaa’iinsa, hidhannoofi gahumsa loltummaa fooyya’aan akka tajaajilaniif carraa amansiisaa kan isaaniif kennu wan ta’eef haala seeraafi sirna eegeen hojiirra oolmaa murtichaaf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoon sumaawaan murtichi akka waan naannoo Amaaraa qofatti hojiirra oolu fakkeeffamee humnoota walitti bu’iinsa uumuu barbaadaniin afarfamu soba ta’uu beeksisuu akka barbaadu paartichi eereera.

Murtichi naannoleefi bulchiinsonni magaalaa hundi mari’achuun kan murtaa’e ta’uufi naannoleefi bulchiinsota magaalaa hundatti yeroo walfakkaataatti hojiirra kan oolu ta’uu beeksiseera.

Paartileeniifi hooggantoonni siyaasaa tokko tokko humnoonni addaa naannolee caasaalee nageenyaa heera mootummaan beekamtii qaban keessa galuun tajaajiluu akka qaban taasifamuu akka qabu Paartii Badhaadhinaa qixa darbees caalmaatti yaada dhiyeessaa turan yeroo ammaa murticha mormuuf ibsa baasuuf wayita fiigan paarticha daran gaddisiisuu ibsameera.

Ta’us Paartiin Badhaadhinaa rakkoolee keessattis ta’u uummataa, hoggansaafi miseensota humna addaa hunda waliin mari’achuuniifi qaawwaa koominikeeshinii uumame duuchuun daandii biyyaafi uummataaf nageenya waaraa fidurra imaluu kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Paartileen siyaasaafi hoggantoonni isaanii tokko tokko gochaa rakkoo jiru hammeessuufi walitti bu’iinsa uumuuf taasisan irraa akka of qusatan paartichi yaadachiiseera.

Dhugaafi ulfi bulee mul’ata akkuma jedhamu murtichi bor-iftaan naannoleefi bulchiinsota magaalaa hundatti akkaataa yaadameen wayita hojiirra ooluu, murtoo ifaa ta’eef, gatii hin malle kaffaluun nageenyi akka hin boorofneef uummanni Amaaraa hundii fi miseensonni humna addaa naannichaa dhimmicha bifa tasggabbiin akka ilaalanii fi murtoo biyyaa fi uummata fayyadu kanaaf deebii akka laatan gaafateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.