Fana: At a Speed of Life!

Qonni gabaa giddugaleeffate guddina diinagdeef gumaacha olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Sagantaan kilaastara qonnaa gabaa giddugaleeffatee guddina diingdeef gumaachaa olaanaa qabaachuu Ministeerri Qonnaa beeksise

Inistitiyuutiin Tiranisfoormeeshinii Qonnaa Sagantaa kilaastara qonnaa gabaa giddugaleeffatee ilaalchisuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’aateera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, Inistiitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa fi dhaabbilee tumsitootaa kilaastara qonnaa gabaa giddugaleeffatee babal’isuun mootummaa tumsuuf hojiilee hojjechaa jiran dinqisiifataniiru.

Sagantaan Kilaastara Qonnaa Gabaa Giddugaleeffatee Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay, Giddugaleessa Itiyoophiyaa, Kibba Itiyoophiyaa, Ummatoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa fi Sidaamaatti aanaalee 300 olitti hojiirra oolfamaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjichi raawwii karoora bara 2015 fi kallattii karoora 2016 irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffame ta’uu ragaan Ministeeraa Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.