Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultootnii fi daldaltootni magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee fi Lammii Kuraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf sangoota 142 arjooman

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) – Qonnaan bultootnii fi daldaltootni magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee fi Lammii Kuraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf sangoota 142 arjooman.

Olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa garee gantuu Adda bilisa baasaa ummata Tigraayi irratti fudhataa jiru ni tumsinas jedhan qonnaan bultootni magaalitti.

Garichi duri Finfinneetti qa’ee fi qabeenya keenyaarraa nu buqqisuun nu saamaa ture, amma ammoo biyya saamuuf hojii gantummaa raawwate tokkummaan dura dhaabachu qabnas jedhan.

Tumsa raayyaa ittisaaf waamicha guyyoota muraasa keessaatti hojjatootnii fi hoggansi kutaa magaalaa lameenii deeggarsa maallaqaa fi akaakuu Birrii miiliyoona 95 arjoomuu isaanii hoji gaggeessaan kutaa magaalaa Boolee obboo Mokonniin Ambaayee kan ibsan.

Guyyaa muraasa keessaatti hojjatootnii fi jiraattootni magaalitti waamicha tumsa raayyaa ittisa biyyaaf taasisame fudhachuun, deeggassi maallaqaa fi akaakuu Birrii biliyoona 1tti siquu arjoomamuu Itti Aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee kan himan.

Hawaasni nageenyaa naannawa isaa eeggachaa, tumsa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf taasisaa jiru itti fufiinsaan akka cimsu aadde Adaanach gaafataniitu.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.