Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoota waldaalee IMX fi abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 12.4 galmeessaniif waliigalteen invastimantii mallatteeffame

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC)- Magaalaa Buraayyuutti qonnaan bultoota waldaalee IMX fi abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 12.4 galmeessaniif waliigalteen invastimantii mallatteeffameera.

Mootummaan hojii invastimantii baballisuutin hoji dhabdummaa xiqqeessuu fi oomishaalee adda adda dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti qonnaan bultoota adda duree, waldaalee IMX, abbootii qabeenyaa dhuunfaa 971 kaappitaalaa Birrii biiliyoona 12.4 galmeessaniif haalli mijachuun walii galteen invastimentii mallatteeffamuu Hoggantuun Waajjira Invastimentiif Indastirii Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu Aadde Alamshet Gaddafaa ibsan.

Qonnaan bultoonni kanaan dura lafa isaanii abbootii qabeenyaaf beenyaa xiqqaan gadhiisaa turan. lafa isaanii irraas dhiibamanii qaamni biraan akka itti fayyadamu taasifamaa turan. Kanan ammoo miidhaan gama diinagdeen, siyaasaa fi hawaasummaan irra ga’aa ture salphaa miti jedhaniiru.

Haa ta’u malee haala mijataa yeroo ammaa argameen qonnaan bultoonni lafuma isaanii misoomsuuf maallaqa qaban qusachuun walii galtee baankii waliin taasifamaa jiruun gara abbootii qabeenyaatti ce’aa jiru jechuun himuusaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.