Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoota miliyoona 1.1’f waraqaan ragaa mirkaneessa qabiyee lafaa kenname

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC)- Baatiiwwan shanaan darbaan qonnaan bultoota miliyoona 1.1’f waraqaan ragaa mirkaneessa qabiyyee lafaa sadarkaa jalqabaa kennamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministirri ministeerichaa Dooktar Girmaa Amanteen akka ibsanitti, baatiiwwan shanan darban qabiyyee lafaa kuma 600 irratti ragaa mirkaneessaa qabiyee kennuuf karoorfamee namoota miliyoona 1.1’f kennameera.

Dabalataan waraqaan ragaa mirkaneessaa qabiyyee sadarkaa 2ffaa kuma 317 kennamuu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.