Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoonni dhuunfaa fi gareen teeknoolojiiwwan qonnaa akka argatan hojjetamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Qonnaan bultoonni dhuunfaa fi gareen teeknoolojiiwwan qonnaa ammayyaa’oo akka argataniif giddugaloonni makkaanaayizeeshinii qonnaa naannolee hundaatti ijaaramaa jiraachuun ibsame.

Daayrekytarri Olaanaan Inistitiyuutii Ce’umsa Qonnaa Itiyophiyaa Dooktar Maandaafiroo Nugusee FBC waliin turtii taasisaniin qonnaan bultoonni teeknooloojiiwwan qonnaa argachuu akka danda’aniif giddugaloonni makkaanaayizeeshinii 10 hundeeffamaa jiraachuu himan.

Haaluma kanaan giddugaloonni afur hojii eegaluu eeruun, kanneen hafan barana akka xumuramanif hirmaannaan taasifamaa jira jedhan.

Giddugaloonni kunneen kanaan dura hojiilee suphaa teeknooloojiiwwan qonnaa ammayaa’oo taasisuun baasii sharafa alaa hambisuu fi ogeeyyii leenjisaa turuu dubbatan.

Qaamolee jijjiirraa meeshalee qonnaa gama dhiyeessuunis qonnaan bultootaaf dandeettii dabalataa uumuu akka dandeessisan himameera.

Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.