Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoonni buna oomishan kuma 1 ol oomisha isaanii gabaa alaaf dhiyeessaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)-Qonnaan bultoonni buna oomishan kuma 1 ol oomisha isaanii kallattiin gabaa alaaf dhiyeessaa jiraachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen dubbatan.

Waltajjiin beekkamtii fi egzibiishinii biyyaalessaa mata duree “Buna Keenyaa Badhaadhina keenyaaf” jedhuun bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Dooktar Girmaa Amanteen akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaan misoomaa Buna Itiyoophiyaa dagaagsuun sharafa alaa argamsiisu keessatti qooda olaanaa bahachaa jira.

Qonnaan bultoonni buna oomishan buna dhandhama addaa kiiloo giraamaa 1 Birrii kuma 100 oliin gurguraa jiraachuu eeruun, fuuncaa sona bunaarraas qoodni argatan dabalaa dhufuu himaniiru.

Qonnaan bultoonni kuma 1 ol eeyyama daldalaa argaachuun oomisha bunaa isaanii kallattiin gabaa alaaf dhiyeessaa akka jiran himaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota garee oomishtoota bunaa G-25 dura taa’ummaan hogganaa akka jirtu kan kaasan Dooktar Girmaan, oomishaa daldallaa tarsiimawaa 2063 Afrikaa ta’uun akka moggaafamuuf yaa’ii gamtichaaf gaaffiin dhiyeessite fudhatama argachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan adeemsa hojiirra oolmaa naannawaa daldala walabaa Afrikaa keessatti adda durummaan oomishaalee gara gabaa seenan keessaa Bunni sadarkaa duraa argachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan gama isaanin, misooma Bunaa fooyya’iinsa dinagdee mandhalee waliin walsimsiisuun galiin damicharraa argamu akka dabaluuf hojjetama jira jedhan.

Yeroo ammaa buna dhandhama addaa gabaa alaaf dhiyaachaa jiru %30 irraa gara %60tti guddachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.