Fana: At a Speed of Life!

Qonna indaastirittii fi qonnaan bulaa gara invastaratti ceesisuu gurmaa’insa qonnaan bulaa jabeessuun murtessaadha jedhame

Finfinnee, Hagayya 1, 2013 (FBC)- Hogganaan Biiroon Qonnaa Qabeenya Uumaama Obbo Dhaabaa Dabalee Qonna Indaastiritti fi Qonnaan bulaa invastaratti ceesisuu gurmii qonnaan bulaa jabeessuun murtessaadha jedhaniiru.

Obbo Dhaabaan kana kan jedhan hundeeffama waldaa Jaarraa Milkii qonnaan bultoota godina addaa Oromiyaa naannawwa Finfinnee aanaa Sabbataa Awaas, magaalaa Sabbataa fi naannawwa isheen Finfinneetti hundeeffameerrattidha.

Qonnaan bulaan qonnarraa garaa invastimeentiitti cee’uun abbaa qabeenyaa dorgomaa akka ta’uuf tumsi mootummaa itti fufaa jedhan obbo Dhaabaan.

Waldaan aksiyoonaa Jaarraa Milkii kaappitaala miiliyoona 12, miseensoota 220 kan hundeeffamedha jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni miseesoota waldichaa ta’anis Birrii miiliyoona 4.5 walitti qabachuun waldicha har’a kan hundeeffatan.

Waldicha kan hundeessinee leenjii interpireenarii arganneen jedhan hoji gaggeessan waldichaa obbo Ibraahim Mahaammad.

Kana dura xiyyeeffannoo kennamu dhabuudhan beenyaan alaa lafti nurra fudhatamaa ture dabalataan ,ulaa Finfinnee jala teenyee oomisha qonna keenya gabaatti sirnaan dhiheeffachaa hin turre jedhan qonnaan bultoonni miseensa walidichaa.

Amma tumsii nuuf taasifamaa jiru caalatti gurmoofnee akka hojjenuuf nu kakaasa jira jedhan.

Waldichi oomisha qonnaan bulaa sona itti dabaluun carraa gabaa Finfinneetti dhiheessuun qonnaan bultoota kallattiin fayyadamoo gochuuf hojjeta jedhan.

Dabalataan qonna jalliisi ammayyaa kuduraa fi muduraa, dhiheessii meeshaalee bu’uura, teeknoloojii qonnaa dhiheessuurratti ni hirmaata jedhame.

Raggasaaa Firoomsaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.