Fana: At a Speed of Life!

Qonna gannaan lafti hektaarri miiliyoonni 7.75 sanyiin uwwifame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Qonna gannaan lafti hektaarri miiliyoonni 7.75 sanyiin uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
 
Bara oomishaa 2012/13 qonna Arfaasaa fi gannaan lafa hektaara miiliyoona 12.8 sanyiin uwwisuuf karoorfamee hojiitti galamuu daayreektarri misooma midhaanii Minsiteera qonnaa obbo Isaayyaas Lammaa dubbataniiru.
 
Callaa kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 75 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaaniiru.
 
Yeroo ammaas weerara vaayrasii koroonaa dandamachuun hojiin qonnaa haala gaariin raawwatamaa akka jiru obbo Isaayyaas himaniiru.
 
Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf dhiyeessiin sanyii filatamaa fi xaa’oo hojjetamaa tureera jedhan.
 
Dhiyeessiin sanyii filatamaa bara kanaa fedhii qonnaan bulaan wal simuu baatus kan bara darbeerra fooyya’aa ta’uu himaniiru.
 
Kana dura xaa’oon biyyoo dhiyaachaa ture qabiyyee 2 qofa of keessaa qaba kan jedhan obbo Isaayyaas bara kana garuu xaa’oon qabiyyee 7 ol of keessaa qabu qonnaan bultootaaf dhiyaateera jedhan.
 
Lafa hektaara kuma 62 ol asiidummaa biyyoo hir’isuuf karoorfamee lafti hektaarri kumni 14 yaallameera jedhan.
 
Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf bara oomishaa kana qonni kilaasteeraa aanaalee 400 ol keessatti hojiirra ooluu himaniiru.
 
Haala mijataa bara kana jirutti fayyadamuun qonnaa bultoonni lafa isaanii yeroon sanyiin akka uwwisan obbo Isaayyas waamicha dhiyeessaniiru.
 
Maddi:-TOI
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.