Fana: At a Speed of Life!

Qonna Gannaaf bittaa keemikaala farra aramaaf Doolaarri miiliyoonni 60 ramadameera-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Qonna Gannaa bara 2014/2015 hanqinni keemikaala farra aramaa akka hinmudanneef baajatni Doolaara miiliyoona 60 ol ramadamee adeemsi bittaa gaggeeffamaa jirachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Deetaan Ministiraa Damee Invastimantii fi Galtee Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa, omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti keemikaalli farra aramaa murteessaa ta’u ibsaniiru.

Waan ta’eef qonna Gannaaf bara 2014/2015 kan barbaachisuu keemikaalli farra aramaa bu’uuruma fedhii naannoleen dursee bittaan gaggeeffamuu ibsaniiru.

Qonna Gannaaf baranaafis hanqinni keemikaala farra aramaa akka hinmudanneef mootummaan Doolaara miiliyoona 60 ramaduun adeemsi bittaa gaggeeffamaa akka jiru eeraniiru.

Gamaa Koorporeeshinii Hojiilee Qonnaa fi Federeeshinii Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaatiin bittaan gaggeeffamaa jiraachuu eeruun yeroo gabaabaa keessatti fayyadamtootaaf kan raabsamu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.