Fana: At a Speed of Life!

Qonna Gannaa bara 2015/16’n lafa heektaara miiliyoona 8. 2 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 265 argachuuf hojjetamaa jira – Pire. Shimallis

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimmallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii caffeef dhiyeessaa jiru.

Qonna Gannaa bara 2015/16’n lafa heektaara miiliyoona 8. 2 misoomsuun calla kuntaala miiliyoona 265 argachuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 7.3 facaasaaf qophaa’eeraniiru.

Qonna baranaa keessaas lafa heektaara miiliyoona 2fi kuma 300 tiraakteraan qotuuf karoorfamee lafti heektaarri miiliyoonni 2fi kuma 200 qotameera jedhan.

lafti heektaarri miiliyoonni 2.1 ta’u ammoo kilaasteraan misoomuu eeraniiru.

Qonna Arfaasaa bara kanaan callaa kuntaala miiliyoona 22fi kuma 600 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti callaan kuntaalli miiliyoonni 7fi kuma 300 argamuu dubbataniiru.

Lafti heektaarri miiliyoona 1fi kuma 100 jallisiin misoomerraa hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 37.8 argamuu eeraniiru.

Xaa’oo kuntaala miiliyoona 9.2 galchuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti kuntaalli miilyoonni 5.9 galuu eeraniirui.

Kana keessaa kuntaalli 3.5 raabsamuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.