Fana: At a Speed of Life!

Qonna Arfaasaan callaan kuntaalli miiliyoona 28 ni eegama-BQO

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Qonna Arfaasaan lafa hektaara miiliyoona 1.5 misoomerraa callaan kuntaalli miiliyoona 28 kan eegamu ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Godina Boorana Bahaa Aanaa Liibanitti qamadii kilaasteraan misoome daawwatameera.

Hogganaan Biroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun daawwannicharratti akka himanitti Naannoo Oromiyaatti Qonna Arfaasaatiin lafti hektaarri miiliyoona 1.5 sanyiin uwwifameera.

Haaluma kanaan callaan kuntaalli miliyoona 28 kan eegamu ta’uu duabbatan.

Qonna Gannaafis lafti hektaarri miiliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfame keessaa karoorfame keessaa lafti hektaarri miiliyoona 9.2 qophaa’uun lafti hektaarri miiliyoona 3 ol facaafamuu ibsaniiru.

Godina Boorana Bahaatti qonna Arfaasaan lafti hektaarri kuma 142 ol kilaastaraan misoomuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Boorana Bahaa Obbo Masqaluu Tulluu himaniiru.

Kana keessaa lafti hektaarri 51 ol qamadiin misoomuu himan.

Lafa akka godinichaatti misoomerraas callaan kuntaallii miiliyoona 2.4 ol ni argaman kan eegamu ta’uun ibsameera.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.