Fana: At a Speed of Life!

Qonna Arfaasaa fi Gannaatif xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 15 qonnaan bulaadhaf raabsamuufi

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Qonna Arfaasaa fi Gannaatif xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 15 qonnaan bulaadhaf raabsamuufi.
 
Ministir deettaan Ministeera Qonnaa FDRI obbo Saanii Raddiin ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif laataniin akka beeksisanitti, xaa’oo bitamee gara biyyaa galfamu kuntaala miiliyoona 14.5 keessaa kuntaalli miiliyoonni 3.1 gara biyyaa galfamee, kuusaa jiddugaleessaa galeera.
 
Xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 4.8 ammoo buufata ga’eera jedhan ministir deettichi.
 
Bittaa xaa’otiifis baajanni Birrii biiliyoonni 29.2 ramadameera.
 
Kuntaalli kumni dhibbi 5 ammoo oomisha bara darbeerraa hafuudhan barana hojiirra kan ooludha jedhan obbo Saaniin.
 
Xaa’oon qonnaan bulaaf ni laatama jedhames amma Waxabajjii 30tti biyya galee kan xumuramu ta’uu eeraniiru.
 
Qonnaan bulaan sanyii baasudhaan baatii tokkoon dura qonnaan bulaaf ni raabsama.
 
Oduu birootin godinaalee Oromiyaa qonna Arfaasaaf mijatoo ta’an 10 keessatti lafa heektaara kuma dhibbi 9 misoomuuf hojiin jalqabameera jedhaniiru Biiroo Qonnaa Oromiyaatti daayreektarri ekisteeshinii qonnaa obbo Lammaa Boggaalaan.
 
Godina Gujii, Baalee, Harargee Bahaa fi Lixaa, Boorana, Arsii fi Arsii Lixaa, Shawaa Lixaa fi kanneen biroorraa qonna Arfaasaarraa callaa kuntaala miiliyoona 16 argachuuf tumsi godhamaa jiras jedhaniiru.
 
 
 
 
 
Zuufaan Kaasaahuunii fi Gammachuu Beekumaatu gabaase.
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.