Fana: At a Speed of Life!

Qonna Arfaasaa fi Gannaa bara kanaaf bittaan xaa’oo kuntaalli miiliyoona 5.5 raawwatamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Qonna Arfaasaa fi Gannaa bara kanaaf bittaan xaa’oo kuntaalli miiliyoona 5.5 raawwatamuu Ejansiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa
beeksiise.

Ejansichi qonna Arfaasaa fi Gannaa bara kanaaf callaa guddistuu gosa gara garaa kuntaala miiliyoona 8.4 bituuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Hojii hanga ammaa hojjetameenis bittaan xaa’oo kuntala miiliyoona 5.5 raawwatamuusaa, Ejensichatti Hogganaa Itti aanaan Galteewwan oomisha Waldaa Hojii Gamtaa, obbo Masfin Raggaasaa himaniiru.

Kunis karoora callaa guddistuu bara kana bituuf karoorfame keessaa %65 uwwisa jedhan.

Callaa guddistuu akka naannichaatti milkeessuuf bittaa fi kan bule dabalatee, xaa’oon kuntaala miiliyoona 3 fi kumni dhibba 2 ol naannoo galeera.

Xaa’oo mana kuusaa bule kuma dhibba 8 fi kuma 11 fi 867 dabalatee, Waliigalaan xaa’oon kuntaalli miiliyoona 3 fi kuma dhibba 2 fi kuma 71 naannoo gahee waldaalee bu’uuraa bira gauu ibsameera.

Karoora qabame keessa harki caalaan bitamee naannicha gahus xaa’oon qonnaan bulaa bira qaqqabe kuntaala kumni dhibbi 5 fi kuma 56 fi299 qofa jedhanii yuuniyeenonniifi waldaaleen bu’uuraa xaa’oo isaan bira gahe yeroodhaan qonnaan bulaa biraan gahuu akka qaban dhaamuu ragaan BDHKMNO irraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.