Fana: At a Speed of Life!

Qondaaltota jeneraalaa gulantaa urjii lamaa oliif sirni carraa bakka ijaarsa manaa baasuu gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Waggoota hedduuf biyyaa fi ummata amanamtummaa fi gootummaan kan tajaajilan qondaaltota jeneraalaa gulantaa urjii lamaa oliif sirni carraan bakka ijaarsa manaa baasuu gaggeeffame.

Adeemsi ijaarsaa manneenii qajeelfamaa waloo abbootii carraa fi Ministeera Raayyaa Ittisaan kan gaggeeffamu ta’uun adda taasisa jechuun Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abraham Balaay gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Waggaa tokko keessatti jeneraalotaa gulantaa urjii tokkoo fi koloneelota olaanoo abbaa manaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantichi wayita hojiirra gulantaa koloneela olaanaarraa eegalee miseensota Raayyaa Ittisaa gulantaa oliirra jiran fayyadamoo kan taasisu jedhaniiru.

Dabalataanis sagantaalee deeggarsaa rakkoo mana jireenyaa miseensotaafi hoggantoota olaanoo raayyaa ittisaa furan Magaalaa Finfinnee dabalatee naannoleetti hojiirra akka oolu taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Biyyi dandeettiifi qabeenya qabduun warren oolmaa oolaniif kabajuufi galateeffachuu qavbdi jedhaniiru.

Sagamntichi akka milkaa’uuf Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lafa qopheesuun deeggarsa taasiseef galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.