Fana: At a Speed of Life!

Qondaaltota Baankii Addunyaa waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Afrikaa Bahaa fi Kibbaatti Itti Aantuu Pireezidaantii Baankii Addunyaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa waliin marii bu’aa qabeessaa gaggeessuun ibsan.

Obbo Ahimad Shideen marii isaaniin Baankiin Addunyaa deeggaraa olaanaa misooma waaraa Itiyoophiyaa ta’uu ibsuun, baay’ina ummataa Itiyoophiyaan qabdu fi qabeenya uumamaan Bahaa Afrikaatti bakki olaana kan qabdu ta’uun eeruun, tumsitoonni misoomaas hojiileen invastimantii gaggeessan sadarkaa naannawaatti kan ilaalamuu ta’uu dubbataniiru.

Baankichi tumsi misooma Itiyoophiyaaf taasisa jiru bu’aa qabeessa ta’uu eeruun, hanga ammatti pirojektiiwwan deeggarsa Baankii Addunyaan hojjetamaa jiran raawwii gaariirraa jiraachuu eeraniiru.

Bu’aa qabeessummaa Diinagdee Gooroo Ityoophiyaa mirkanneessuufis, damee dhuunfaa cimsuuf, hojiilee deebisaanii ijaaruu, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, walitti hidhamiinsa biyyoota ollaa cimsuu fi hojiilee misoomaa biroo saffisiisuuf Baankii Addunyaarraa deeggarsi faayinaansii dabalataa akka barbaachisu gaafataniiru.

Afrikaa Bahaa fi Kibbaatti Itti Aantuu Pireezidaantii Baankii Addunyaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa gamaasaaniin, guddina Dinaagdee Gooroo Itiyoophiyaa mirkanneessuuf yeroo garaagaraatti qondaaltoota olaanoo mootummaa Itiyoophiyaa waliin mari’achuu eeruun, tattaaffii Itiyoophiyaan jireenya lammiilee ishee fooyyessuuf taasistuu Baankiin Addunyaa kan deeggaru ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.