Fana: At a Speed of Life!

Qisaasama oomishaalee ga’anii hir’isuuf hojjechuun akka barbaachisu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC) – Akkaataa qisaasama oomishaalee ga’anii hir’isuun danda’amuun xiyyeeffannoon kennamee  hojjetamuu akka qabu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Bara oomishaa 2013/14tti hojii qonnaa waqtii Arfaasaan lafa qonnaa hektaara miiliyoona 12 fi kuma dhibba 7 ol sanyiin uwwisuun oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 74 fi kuma dhibba 6 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Oomishaalee ga’an qisaasama malee walitti qabuuf hogantoonni damichaa sadarkaan jiran qonnaan bultoota qindeessuun hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Qonnaan bulaan hundi oomishaalee dursanii ga’an hanga googiinsa isaanii eeguun haala qisaasama hir’isuu danda’uun akka walitti qabu, hanga dhahamee galutti bakka tuulaamutti ilbiisota garaagaraa fi beelladootaan akka hin nyaatamnee fi rooba yeroo isaa hin eegneen akka hin miidhamneetti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu eerameera.

Bakkeewwan makaanayizeeshiniin qonnaa fayyadamuun danda’amutti maashinoota oomisha walitti qabuuf oolan bal’inaan fayyadamuun warreen tajaajila kennanii fi fayyadamtoota wal qunnamsiisuunii fi qonnaan bultoota qindeessuun hoggansii fi ogeeyyiin xiyyeeffannoo kennanii hojjechuu akka qaban ibsameera.

Oomishaalee qonnaan bultoota garee shororkeessaa ABUT loluuf duula birmadummaatti makamaniif dursa kennuun walitti qabuunii fi maatiisaaniif deeggarsa barbaachisaa taasisuun barbaachisaa ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.