Fana: At a Speed of Life!

Qisaasama lafaa hambisuu fi lafti madda walitti bu’insaa akka hintaaneef karaa ammayyaa’en hogganuuf hojjetamaa jira-BLO

Qisaasama lafaa hambisuu fi lafti madda walitti bu’insaa akka hintaaneef karaa ammayyaa’en hogganuuf hojjetamaa jira-BLO

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC)- Qisaasama lafaa hambisuu fi lafti madda walitti bu’insaa akka hintaaneef karaa ammayyaa’een hogganuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Lafa Oromiyaa beeksise.

Biirichi, Godinaalee fi Aanaalee Safartii lafaa milkeessaniif beekamtii kenne.

Biiroon Lafa Oromiyaa, lafa naannichaa karaa ammayyaatiin hogganuuf safartii lafaa marsaan lama gaggeessuun ibsameera.

Lafa qisaasamarraa hambisuu fi madda walitti bu’insaa akka hintaaneef karaa ammayyaa’a ta’een hogganuun, dhalootatti dabarsuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu Hogganaan Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Guutaa Laachooreen himaniiru.

Qonnaan bultoonni lafa kartaa ammayyaawaan safarsiifachuun rakkoolee lafaan walqabatanii muudatan hambisuuf tumsa taasisuu Obbo Guutaan himaniiru.

Lafti sirna kaadaastaraan galmaa’uun qonnaan bultoonni lafa qabanirraa fayyadamoo akka ta’an haala mijataa uumuuf gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsan.

Kana malees qonnaan bultoonni lafa qabuun tajaajila liqii akka argatuuf kan gumaachuuf ta’uu himaniiru.

Lafti safaramuun, galiin damicharraa argamu kan dabalu kan tumsu waan ta’eef safartiin lafaa murteessaa ta’uu fi qaamolee deeggarsa taasisanis galateeffataniiru.

Hogganaa Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdullaziiz Daawuud, lafti Oromoof qabeenya qofa osoo hintaane fayyadamummaa irraa argamu akka mirkana’u taasisuun barbaachisaadha jedhan.

Biiroon Lafa Oromiyaa Biiroo tajaajilamaa fi komiin itti baay’atu keessaa tokko ture kan jedhan Dooktar Abdullaziiz, yeroo ammaa karaa ammayyaawaan ragaa qabachuu waan eegaleef biiroo fakkeenyummaa gaarii qabu ta’eeraa jedhan.

Sirna beekamtii kanaan godinaalee fi aanaaleef deeggarsi konkolaataa fi doqdoqqee taasifameera.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.