Fana: At a Speed of Life!

Qindoomina miidhagina magaalaa, misooma magariisaa fi hojii balfa gogaa walitti qabuun hawaasaaf carraa hojii uumuun aadaa ta’ee itti fufuu qaba-Aadde Adaanach

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC)- Qindoomina miidhagina magaalaa, misooma magariisaa fi hojii balfa gogaa walitti qabuun hawaasaaf carraa hojii uumuun aadaa ta’ee itti fufuu akka qabu itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan.

Magaalaa Finfinnee dameewwan garagaraatin lammiilee kuma 28 carraa hojii uumuuf karoorfameera.

Hojiin nama addaa baasuu fi qophiin iddoo xumuramuun Roobii irraa eegalee koolleejjii leenjii ogummaa fi teeknikaa hundatti leenjiin ni laatama jedhameera.

Lammiileen carraa hojii umaamuuf dursaa leenjii fi dhimmota walqabataanin aadde Adaanach Abeebee, Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hogganaan Biiroo Hoji Gaggeessa magaalaa obbo Xiraatuu Bayyanaa fi dhaabbilee isaan ilaallatu waliin mariin gaggeeffameera.

Bulchiinsa magaalichaan carraa hojii uumuu kanaaf  ooluu baajanni Birrii miiliyoonni dhibbi 2 qabamu aadde Adaanach ibsu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa. Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa. Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa. Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.