Fana: At a Speed of Life!

Qellem Wallaggaatti Irreechi Malkaa Qaallittii Gaallabuu kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2017 (FBC)- Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti Irreessi Malkaa Qaallittii Gaallabuu karaa duudhaa isaa eeggateen kabajameera.

Sirnicharratti Abbootiin Gadaa, Haadholii Siinqee, kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Qellem Wallaggaa Obbo Takiluu Immaanaa hawaasni Godinichaa gara aadaa fi duudhaa ganamaatti deebi’aa jiraachuu himaniiru.

Ummanni duudhaa, aadaa fi bakkeewwan irreechaa kunuunsuun dhalootatti dabarsuu akka qabu dhaamuu ragaan kominikeeshini godinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.