Fana: At a Speed of Life!

Qe’een misooma qindaa’aa fi naannawaa jireenyaa Galaan Gurraa maal of keessaa qaba?

* Manneen jireenyaa kuma 1 fi 200 jiraattota kuma 6 fi 500 kan qabatu, daandii Asfaaltii kiiloo meetiraa 1.6,

* Terminaala yeroo tokkotti Awutoobisoota 20 ol keessummeessuu danda’u,

* Manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa jalqabaa giddugalaa nyaataa waliin,

* Dabaree sadiin haadholii 270’f Warshaa tolcha buddeenaa,

* Giddugala nyaataa maanguddootaa fi harka qalleeyyii 500,

* Warshaa daabboo guyyaatti daabboo kuma 60 oomishuu fi baaburaa midhaan daaku,

* Bakka tursiisaa fi tapha daa’immaanii sadarkaa isaa eeggate,

* Naannawaa shaakala ispoortii lamaa fi bakka bashannanaa

* Jiraattota kuma 1 fi 646’f carraan hojii yeroo fi dhaabbii uumamuun akka danda’ame, Kantiiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.