Fana: At a Speed of Life!

Qananiisaan walakkaa maaraatoonii Landan Riikkardii haaraa galmeessisuun injifate

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 (FBC) – Atleet Qananiisaa Baqqalaa walakkaa maaraatoonii Vaaytaaliitii Biig Landan riikkardii haaraa galmeessisuun injifate.
 
Qananiisaan walakkaa maaraatoonii Landan guyyaa har’aa Biriitaaniyaatti dorgomameen sa’aatii 1:00:22n xumuruun injifateera.
 
Riikkardii iddichaa Atleet Moo Faaraahi harka ture Qananiisaan kan dhuunfaa isaa taasiseera jedhame.
 
Qananiisaaf morkataa cimaa ni ta’e jedhamee eeggamaa kan ture Atleet Moo Faaraahin dorgomicha osoo hin xumuriin kutee ba’uu isaatu himame.
 
Abbaan riikkardii fageenya meetira kuma 5 fi 10 Atleet Qananiisaan dorgommii walakkaa maaraatoonii Vaaytaaliitii Biig Landanirratti yeroo jalqabaaf hirmaachuu isaa ibsameera.
 
Oduma walfakkaatuun Atleet Birihaanuu Laggasaas dorgommii maaraatoonii Jaappaan Tookyootti guyyaa har’aa gaggeeffame injifateera.
 
Atleet Birihaanuun dorgommii kana sa’aatii 2:15n sadarkaa 1ffaan xumureera.
 
Dorgommii kanarratti Atleetoonni kumni 38 ol ni hirmaatu jedhamee eeggamaa turus sababa weerara Vaayrasii Koroonaan Atleetoonni 200 qofti irratti hirmaataniiru jedhame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.