Fana: At a Speed of Life!

Qamadii Jallisii Boneen misoomerraa hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 73 ol walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) –Qamadii Jallisii Boneen misoomerraa hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 73 ol walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Bara kana Qamadii Jallisii Boneen misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 120 walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 73.9 walitti qabamuu Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaan Hariiroo Ummataa fi Kominikeeshinii Obbo Kabbadaa Laaqaw Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Bara kana lafa hektaara miiliyoona 3 ol sanyiin uwwifame keessaa hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 2.1 irraa oomishni walitti qabamuu eeraniiru.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.