Fana: At a Speed of Life!

Qamadii alaa galu oomisha jallisiin bakka buusuu kayyooffame hojjetamaa jira – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Qamadii alaa galu bakka buusuuf oomishtummaa jallisuu dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa qamadii baayy’inaan oomishan keessa tokko taatus, kaayyoon keenya isa alaa galchinu bakka buusuuf jallisiidhaan oomishtummaa dabaluuf tattaafachuudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Gama kanaan sochiin dhiyeenya naannolee Beenishaangul Guumzii fi Gaambeellaatti taasifamaa jiru kan abdii namatti horu ta’uu ibsaniiru.
 
Naannoo Soomaaleettis qamadii gammoojjiitti oomishuun eegalame abdachiisaa akka ta’e himaniiru.
 
Wayita #AshaaraaMagariisaf biqiltuu dhaabuuf qophaa’aa jirru kanatti naannolee sadanittuu sochiin biqiltuu qopheessuu taasifamaa jiru kan nama gammachiisu ta’uu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.