Fana: At a Speed of Life!

Qamadii alaa galu hambisuuf hawwiin jiru milkaa’aa jira – obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Qamadii alaa galu hambisuuf hawwiin jiru milkaa’aa jiraachuu sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessan kilaastera hawaasummaa Oromiyaa obbo Addisuu Araggaan ibsan.

Obbo Addisuun daawwannaa godina Baaleetti taasiisaniin hawwi fi hojiin qamadii biyya alaa galu hambisuu milkaa’aa jiraachuu duubataniiru.

Qamadii oomishna, kabaja biyyaaf hojjanna jedhan obbo Addisuun.

Hojin kun milkoofnaan baasii waggaatti qamadii biyya alaa bituuf ba’u doolaara biiliyoona 1 hambisuun ni danda’ama jedhame.

Akka Oromiyaatti bara kana lafa hektaara kuma dhibba 3 qamadii jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jira.

Obbo Addisuun, hojiin hojjatamaa jiru hagam jireenya qotee bulaa fi maqaa biyyaa jijjiiru akka danda’u daawwannaa gaggeessan irraa hubachuu dubbataniiru.

Mootuumman naannoo Oromiyaa misooma qonnaa naannichaa jajjabeesuuf tiraaktaroota 700 ol, paampii bishaan jallisii kuma 4 ol, kombaayinaroota 80 ta’an qonnaan bultootaa Naannichaaf dhiyeessu ibsaniru.

dhiheenyatti tiraaktaroota kuma 2 olii fi kombaayinaroota dhibbaataman lakkawaman gara biyyaatti galchee qonnaan bultoota biraan ga’uuf hojjachaa jiraachu Obbo Addisuun ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.