Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamni meeshaalee taajaajila dhuunfaa alaa galanii fooyya’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Qajeelfamni meeshaalee taajaajila dhuunfaa alaa galanii fooyya’uu Komishiniin Gumruukaa beeksise.

Qajeelfamni haala meeshaalee tajaajila dhuunfaa alaa galanii murteessuufi yeroo ammaa hojiirra jiru daldala seeraan alaaf ulaa kan saaquufi kenniinsa tajaajilaarratti dhiibbaa kan uume waan ta’eef qajeelfama lakkoofsa 923/14 jalatti hammatamuu ibsameera.

Qajeelfama kanaan dura tureen gosoonni meeshaalee qaraxaafi taaksiirraa bilisa galan 102 irraa gara 16 yookaan ammoo %84 gadi buusuu eerameera.

Ityoophiyaanonni gara biyyaa deebi’an meeshaalee tajaajila dhuunfaa baatiiwwan 12’f itti fayyadamaa turan taaksii malee biyya keessa galchuu kan danda’an ta’uu ibsameera.

Namni Kennaan meeshaa tajaajila dhuunfaa alarraa ergameef lakkoofsa kaffaltii gibiraa hin qabu taanaan qaraxaafi taaksii dabalataan gibira galii %30 ni kaffala jedhamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Guyyaa tokkotti meeshaalee kennaa lamaa ol udhachuun kan hin danda’amne ta’uu eerameera.

Qajeelfamichi Hagayya 23, 2014 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.