Qajeelfamni manneen barnootaa bishaan dhugaatii fi manneen fincaanii sadarkaa eeggate akka argatan taasiisu hojiirra oole
Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Qajeelfamni manneen barnootaa bishaan dhugaatii fi manneen fincaanii sadarkaa eeggate akka argatan taasiisu hojiirra ooluu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Qajeelfamni sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu danda’uu fi bishaan dhugaatii fi manneen fincaanii sadarkaa eeggate akka argatan taasiisu qophaa’uun gara hojiitti galamuu ibsameera.
Qajeelfamicha Ministeerri Barnootaa PSI fi Yuuniiseef waliin ta’uun kan qopheessan yoo ta’u, manneen barnoota keessatti hojiirra oola jedhameera.
Yuuniiseefiin qaamolee sanadicha qopheessaniif deeggarsa maallaqaa fi teeknikaa taasiisuu ibsameera.
Sanadichi qajeelfama Suphaa, Dizaayinii fi ijaarsaa kan hammate ta’uu ibsameera.
Qajeelfamichi sadarkaa manneen barnootaa fooyyeessuuf kan qophaa’e ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Barnootaa obbo Miiliyoon Maatiyoos himaniiru.
Obbo Miiliyoon qaamolee qajeelfama kan qopheessan galateeffachuu isanii ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.
Hoggantoonni Ministeera Barnootaa, PSI fi Yuuniiseef qajeelfama qophaa’e walharkaa fuudhiinsa taasiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.