Fana: At a Speed of Life!

Qajeelchichi guyyaa Raayyaa Ittisaa 116ffaa sababeeffachuu marii Paanaalii gaggeessaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Qajeelchi waliigalaa Raayyaa Ittisaa guyyaa Raayyaa Ittisaa 116ffaa sababeeffachuu marii Paanaalii gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Itiyoophiyaa imala seenaa garaagaraa keessa darbuun wayita har’a geessu seenaan Raayyaan Ittisaa biyyattii isa olaanaa ta’uuJeneraal Getaachoow Guddinaan ibsaniiru.

Ijaarsa biyyattii keessatti Raayyaan Ittisaa wareegamaa olaanaa kaffaluu eeraniiru.

Yeroo ammaas sodaa nageenyaa kamiiyyuu qolachuun wareegama kaffalaa biyya itti fufsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka naannawichaa fi Afrikaatti qaamni akka Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa qormaata cimaa mudatu injifachuun har’a ga’e kan hin jirre ta’uu kaasuun, yeroo ammaas yoomiyyuu caalaa cimaa fi ga’umsa amansiisaarratti kan argamu ta’uu eeruu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.