Fana: At a Speed of Life!

Qajeelchi Poolisii Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu uffata Milishaa garee gantuu, Fanjii Farra Namaa, Boonbii fi Noottii Birrii sobaa dabalatee ragaalee sobaa addaa addaa to’achuu beeksise

Finfinnee Muddee 2, 2013 (FBC)-Qajeelchi Poolisii Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu uffata Milishaa garee gantuu, Fanjii Farra Namaa, Boonbii fi Noottii Birrii sobaa dabalatee ragaalee sobaa addaa addaa to’achuu beeksise.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Magaalichaa gargaaraan Komishinaraa Tolchaa Magarsaa akka himanitti, gaafa guyyaa 01/04/2013 boombiin 6fi fanjiin farra namaa tokko cilee keessa dhokfame konkolaataa Doolfiiniitti fe’amee magaalaa Finfinnee seenuuf wayita imalu eeruu hawaasaatiin to’atamuu himaniiru.
Namoonni meeshaa waraanaa cilee keessa dhoksanii konkolaataatti ergan yeroof to’atamuu baatanis, konkolaachisaafi gargaaraan isaa garuu to’annoo seeraa jala ooluu isaanii ibsaniiru.
Hojii Opireeshinii gaafa 19/03/2013 irraa eegalee geggeeffameenis meeshaaleen waraanaa seeraan alaa Shugguxxiin 10, Rasaasni 501, Kilaashiin 1,Pappaashiin 1 fi SKSn 2 to’atamuu gargaaraan Komishinaraa Tolchaa Magarsaa himaniiru.
Uffanni milishaa garee gantuu fi uffanni Raayyaa ittisa biyyaa duraaniis magaalaa Buraayyuu keessatti gatamee akka argames himaniiru.
Nootiin Birrii haaraa Sobaa Kumni 53, ragaalaan barnoota Sobaa digrii jalqabaa fi tekniikaa, eenyummeessa gandaa, Chaappaa waajjiraalee Mootummaa, Tiitariin Abbootii Taayitaa fi Itti gaafatamtoota waajjiraa akkasumas ragaan gaa’elaa sobaa addaa addaa oppireeshinichaan to’atamuu himaniiru.
Namoonni yakka kanaan shakkaman to’atamaniiru,galmeen isaaniis qulqullaa’a jira jedhaniiru.
Meeshaaleen waraanaa, Nootiin Birriifi ragaaleen barnoota sobaaa kunneen osoo to’atamuu baatanii lubbuu namaa fi diinagdee biyyaarratti miidhaa cimaa geessisu jedhaniiru.
Hojii oppireeshinii qindoomina qaamolee nageenyaafi Ummataa tiin hojjetamaa jiruun Magaalaan Buraayyuu gara nageenya amansiisaatti deebi’aa jirtis jedhaniiru.
Kaayyoon garee badii TPLF fi Shanee lubbuu lammiilee qulqulluu galaafachuufi qabeenya ummataafi Mootummaa balleessuudha kan jedhan gargaaraan komishinaraa,Tolchaan himuu ragaan Wajjira Kominikeeshinii Magaalaa Buraayyuutu argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.