Fana: At a Speed of Life!

Qajeelchi olaanaan Mahaandisa Raayyaa Ittisa Biyyaa daandii Gilgal Balasii hanga Hidha Haaromsa Guddichaa xumuruun eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Qajeelchi olaanaan Mahaandisa Raayyaa Ittisa Biyyaa ijaarsa daandii Gilgal Balasii hanga Hidha Haaromsa Guddichaa Ityoophiyaa xumuruun eebbisiiseera.

Qajeelchichi daandii cirrachaa sadarkaa 3ffaa dheerinni isaa kiiloomeetira 210 ta’e gara daandii cirrachaa sadarkaa olaanaatti guddisuun yeroo kaa’ameefitti xumuruun eebbisiisuu eerameera.

Daandicha hogganaan qajeelchichaa Leetenaal Jeneraal Dastaa Abbichee fi hojii raawachiisaa olaanaan Abbaa Taayitaa Humna Elektrikaa Ityoophiyaa obbo Balaachaw Kaasaa eebbisiisaniiru.

Hojii ijaarsa daandichaa wayita fudhatan hojii ijaarsaa qofa osoo hin taane itti gaafatamummaa fi imaanaa biyyaa dabalataan ta’uu Leetenaal Jeneraal Dastaa Abbichee ibsaniiru.

Meeshaaleen galtee ijaarsa hidha haaromsaaf oolan bakkicha ga’uuf hanga torban lamaa fudhachaa turuu yaadachiisuun, hojii suphaa fi fooyyessaa qajeelchichi hojjeteen galteen ijaarsaa guyyaa tokkotti ga’uu kan danda’an ta’uu himaniiru.

Sirna eebbichaarratti qaamoleen hoggansaa, hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaa fi keessummoonni kabajaa argamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.