Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin seensa BLTO ifoome

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC)-Ministeerri Hojii fi Ogummaa qabxii seensaa Dhaabbilee Barnoota Leenjii Ogummaa fi Teeknikaa ifoomseera.

Ministirri Ministeerichaa Mufaariyaat Kaamiil, lammiileen gara Dhaabbata Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa kan seenan bakka dhaqaa dhabaaf utuu hintaane dandeettii qaban baasanii itti fayyadamuu akka danda’aniifi jedhan.

Bu’uura imaammata Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa bara darberraa eegalee hojiirraa oolaa jiruun, gulantaan guddinaa leenjii teeknikaa fi ogummaa hanga sadarkaa 5’tti daangeffame ture hanga sadarkaa 8’tti taasifamuu eeraniiru.

Kunis imaammatichi sadarkaa 6 digirii jalqabaan, sadarkaa 7 digirii 2ffaa akkasumas sadarkaa 8 digirii sadaffaa (PhD) qixa taasifamuu himaniiru.

Kanaaf barana barattoonni qabxii olaanaa seensa dhaabbilee barnootaa olaanoo fidan Dhaabbata Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa seenuu yoo fedhan sadarkaa 6 galanii leenji’uu akka danda’an akkeekameera.

Barana yeroo jalqabaafis leenjitoota sadarkaa 6 simatamanii kan leenji’an ta’uu eeruun, bu’uura ulaagichaan naannoleetti ramaddiin leenjitootaa kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Kanaan walqabatees bara leenjii kana barattoonni kuma 632 ol gabaan hojii fedhii humna namaa jiru bu’uureffachuun sadarkaa 1-4tti akkaataa qabxii isaaniin ramadamanii akka leenji’an ibsameera.

Qabxii darbiisaa kaa’ameenis, sadarkaa 1 fi 2’n leenjitoonni kuma 110 fi 15, sadarkaa 3 fi 4’n leenjitoota kuma 412 fi 557 akkasumas sadarkaa 5’n leenjitoonni kuma 110 fi 15 akka hirmaatan kaasaniiru.

Sadarkaa 6’n ammoo leenjitoota kuma 2 ta’an simachuuf qophiin taasifamuu dubbachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Bara leenjii 2016 qabxii darbiinsaa qophaa’ee barattoota qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan bara barnootaa 2015 fi 2014 fudhatanirratti kan hojiirra oolu ta’uus himaniiru.

Bara 2014’n dura barattoonni qormaata kutaa 12ffaa fudhatan ammoo bu’uura qabxii darbiinsaan akka keessummeeffaman eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.