Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa fi kutaa 8ffaa ifoome

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC)- Biiroon Barnootaa Oromiyaa qabxiin qormaata barattoota kutaa 6ffaa fi 8ffaa bara 2016 har’a ifoomseera.

Biirichi akka beeksisetti, qabxiin darbiinsaa barattootaa kutaa 8ffaa %50 ol yoo ta’u Naannawaa Horsiisee bultootaaf Dhiiraaf 48%, dhalaaf 45%fi ol, Qaama miidhamtootaaf immoo dhiiraaf 45% , dubartiif 42 % fi isaa ol akka ta’u murtaa’uu Biirichi beekiseera.

Barattoonni kutaa 6ffaa https://oromia6.ministry.et/#result ilaalchuu akka danda’an eereera. dabalataan telegraamii irratti .@emacs_ministry_result_qmt_bot irratti ilaalchuu akka danda’an ibsameera.

Barattoonni kutaa 8ffaa ammoo https://oromia.ministry.et/#result
fi Telegraamii irratti @emacs_ministry_result_qmt_bot ilaalchuu akka danda’an beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.