Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin qormaata Kutaa 6ffaa Magaalaa Finfinnee ifoome

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)- Qabxii darbiinsaa qormaata Kutaa 6ffaa Magaalaa Finfinnee ifoome.

Miseensonni Waliigalaa Mana Maree Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee marii gaggeessaniin qabxiin darbiinsaa qormaata kutaa 6ffaa bara 2016, 50 yoo ta’u, qaama miidhamtootaaf 45 akka ta’u murteesseera.

Hogganaan Biirichaa Dooktar Zalaalam Mulaatuun akka jedhanitti qabxiin qormaatichaa yeroon ifoomuun barattoonni barnoota isaanii ittaanuuf yeroon akka of qopheessan kan taasisuudha.

Qormaata kutaa 6ffaa bara 2016 sadarkaa magaalattiitti kenname barattoonni mana barnootaa mootummaa fi dhuunfaa kuma 86 ol idilee fi galgalaan barnoota isaanii hordofaa turan keessaa, %93.3 qormaaticha %50 ol kan fidan ta’uun ibsamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’sia.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.