Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin darbiinsaa qormaata kutaa 8ffaa Magaalaa Finfinnee ifoome

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC)- Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee qabxii darbiinsaa qormaata kutaa 8ffaa magaalichaa ifoomse.

Haaluma kanaan qabxiin darbiinsa qormaataa kutaa 8ffaa 2016 Magaalaa Finfinnee 50 yoo ta’u, barattoota miidhamtoota qaamaaf ammoo 45 akka ta’u murtaa’uu ibseera.

Barattoonnis qabxii isaanii karaa https://aa.ministry.et/#/result lakkoofsa addaa fi maqaa isaanii galchuun ilaallachuu akka danda’an eereera.

Qormaaticha barattoota barnootaa isaanii galgalaa fi guyyaa mana barnootaa mootummaatti hordofaa turan kuma 89 fi 219 keessaa barattoonni kuma 67 fi 903 qabxii qormaatichaa %50 ol fiduun himameera.

Guyyoottan dhufanittis qabxiin qormaata kutaa 6ffaa akka ifoomu biirichi ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.