Fana: At a Speed of Life!

Qabiyyee turizimiin maqaan gaariin Oromiyaa kan tikfamuudha-Pir. Shimallis Abdiisaan

Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC)-Mootummaan, Oromiyaa wiirtuu gahumsa turistootaa fi invastarootaa gochuuf toora qabiyyee turizimiin maqaan gaarii naannichaa kan ittiin tiksu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Shimallis Abdiisaan akeekan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ilaalcha dabaa hawwata turizimii Kiliyaa Nafoo Nam-tolchee qofaan walqabsiisaa ture jijjiiruufi qabeenya kiliyaa aadaafi nam-tolchee kunuunsuu, misoomsuufi beeksisuu akkasumas misooma gabaa irratti hojii baldhaan hojjatameera; hojjatamaas jira jedhan

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Naannoon Oromiyaa, gosoota hawwata turizimii sadan: seenaa, aadaafi umama badhaadhe kan qabudha jedhan.

Dilbiin kun xiyyeeffannoo gahaa waan hin argatiniif, barootaf dagatamee tureera.

Rakkoolee hedduu gama ilaalcha, bu’uuraalee misoomaa, kunuunsa, beeksisaafi misooma gabaa hawwata turizimiitiin turan irraa kan ka’e, fayidaan gama hawaas-dinagdeetin dhufuu qabu osoo hinargamin hafeera.

Mootummaan Jijjiiramaa keenya galmoota gama hawaas-dinagdeetiin kaa’e milkeessuu keessatti qoodni sektara turizimii olaanaa ta’uu dursee hubachuun xiyyeeffannoo olaanaa itti kennee hojjechuu irratti argama.

Waggoottan afran darban kana bu’uura turizimii naannoo keenyaa kaa’uu irratti bu’aa jajjabeessaan argameera.

Ilaalcha dabaa hawwata turizimii Kiliyaa Nafoo Nam-tolchee (tangible historical heritages) qofaan walqabsiisaa ture jijjiirufi qabeenya kiliyaa adaafi nam-tolchee keenya kunuunsuu, misoomsuufi beeksisuu (piromooshinii), akkasumas misooma gabaa irratti hojii baldhaan hojjatameera; hojjatamaas jira.

Gama babaldhina bu’uuraale misooma turizimiitinis haala qindaawaa ta’een socho’aa jirra.

Hundaa’ol, mootummaan gahee isaa, dilbii gama kanaan jiru abbootii qabeenyatti muldhisuufi haala ka’umsaa mijataa umuun invastimantii turizimii jajjaabeessuu bahachaa jirachuu, loojiin har’a Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaala Malkaa Noonnootti eebbifne, Kuriftu Resort & Spa African Village kun agarsiiftuu guddaadha.

Bu’uuraalee murteessoo turizimii keessaa tokko lafa itti keessummeeffamani; Kurriiftuun gama kanaan naannoofi biyya keenya heddu kan gargaaraa jiru yoota’u, invastimantiin kun naannawa kana beeksisuu cinaatti carraa hojii umuufi madda galii olaanaa kan ta’uudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fuldurattis, naannoo keenya wiirtuu gahumsa turistootaafi invastarootaa gochuuf toora qabiyyee turizimiin: hubannoo turizimii umuu, qabeenya aadaafi nam-tolchee kunuunsuu, beeksisuu, misooma gabaa, bu’uuraale misoomaa qindaawaa guutuu, invastimantii turizimiitif haala mijataa umuun, maqaa gaarii Oromiyaa kan ittiin tiksu yoota’u, walitti dhufeenya naannoolee ollaafi biyyoota biroo waliin qabnu kan jabeessu ta’a.

Hundaa’ol ammoo carraa hojiifi madda galii umuun fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuf nihojjata.

Dhumarrattis, abbaa qabeenyaafi maatii Kuriftu Resort & Spa African Village’n baga gammaddan jechaa, qooda fudhattoonnifi antirpiriinaroota turizimii Oromiyaa hundi caalatti waliin hojjechuuf ammas karri keenya banaa ta’uu maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin isiniif mirkaneessa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.