Fana: At a Speed of Life!

Qabiyyee lafaa gadi lakkisiisuu, kaffaltii beenyaa fi kaafamtoota deebisanii dandamachiisuuf labsiin fooyya’ee ba’e ragga’e

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Faayidaa ummataaf jecha qabiyyee lafaa gadi lakkisiisuu, kaffaltii beenyaa fi kaafamtoota deebisanii dandamachiisuu murteessuuf wixineen labsii fooyyeffamee ba’e ragga’e.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 34ffaa gaggeesseera.

Manni marichaa abiyyee lafaa gadi lakkisiisuu, kaffaltii beenyaa fi kaafamtoota deebisanii dandamachiisuuf labsii fooyya’ee ba’erratti mari’ateera.

Wixinee labsii fooyyeffame kanaan sadarkaa federaalaatti pirojektiiwwan gaggeeffamaniin tilmaama kaffaltii beenyaa akkasumas kaafamtoota deebisanii dandamachiisuuf qaama aangoo fi itti gaafatama qabu ifatti adda baasuun murteessuuf sirni dandeessisu diriirfamuun eerameera.

Pirojektoonni qulqulinaa fi haala yeroo qusaataniin akka gaggeeffamaan, gumaacha misooma biyyaalessaaf qabu dabaluuf labsichaan raggaasifamuun ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun pirojektoonni baasii walfakkaataa fi yeroo walfakkaataa ta’etti akka xumuraman kan taasisan hojmaanni akeekamuu ibsameera.

Gaaffii beenyaa hinmalle dhiyaatan, falmiiwwan mana murtii fi uggura lakkoofsa herrega baankii, duubatti harkifannaa hojii pirojektootarratti mul’achaa ture kan hir’isu ta’uun eerameera.

Wixinee labsii fooyyeffamee ba’ee mormii 4 fi sagalee kan hinkennine 6’n, sagalee caalmaan raggaasifamuun eerameera.

Shaambal Mihireetiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.