Fana: At a Speed of Life!

Qabiinsi mirga namoomaa shakkamtoota labsii yeroo ariifachiisan to’ataamanii haala gaariirraa jira-Boordicha

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC)- Qabiinsi mirga namoomaa shakkamtoota labsii yeroo ariifachiisaan to’annoo jala olfamanii haala gaariirra jiraachuu Boordiin Qorataa Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa mirkaneessuu beeksise.

Boordichi qabiinsaa mirga namoomaa shakkamtoota Finfinneetti argamanii daawwateera.

Shakkamtoonni maatii isaaniin walarguu, abukaatota isaanii waliin mari’achuu fi kutaalee kenniinsa jechaa daawwataniiru.

Daawwanichaan boodas boordichi Itti Gaaftamaa Biiroo Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Ittaanaa Koomiishinara Jeneraalaa Zalaalam Mangistee waliin mari’ataniiru.

Walitti Qabaan Boodichaa Azmaraa Andeemoo wayita kanatti akka jedhanitti, haalli qabiinsa shakkamtootaa gaarii ta’uu, maatii isaanii bilbilaan haalli itti quunnamuu danda’an jiraachuu kutaalee turtii mijataan akka qophaa’eef, kutaaleen kenniinsa jechaas qulqulluu fi teeknooloojiin kan deeggarame akkasumas, fayyummaan isaanii kan eegame ta’uu mirkaneessuu dubbataniiru.

Fuuldurattis qorannoon shakkamtootaa xumuramee saffisan mana murtiitti dhiyaachuu akka qaban biiricha waliin waliigalteerra ga’amuu eeraniiru.

Daawwannaan shakkamtootaa Giddugaleessatti eegales Naannoo Amaarratti kan itti fufu ta’uu ibsuu TOI gabaaseeara.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.