Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyi Waliigalaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Birrii biiliyoona 137 ga’e

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Yeroo ammaa qabeenyi waliigalaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Birrii biiliyoona 137 akka ga’ee fi kaappitaalli isaas Birrii biiliyoona 112 ta’uu baankichi beeksise.

Baankichi waggaa 18ffaa hundeeffaama isaa kabajaa jira.

Qonnaan bultoota fi horsiisee bultootan waggoota 18’n dura kan hundeeffame baankichi gama waliingahiinsaa faayinaasiin hojiilee bal’aa hojjechaa turuun eerameera.

Yeroo ammaas kaappitaallii baankichaa Birrii biiliyoona 112 yoo ta’u, qabeenyii waliigalaa baankichaas Birrii biiliyoona 137 ga’uu Pireezidaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Darribee Asfawuu ibsaniiru.

Yeroo ammaas maamiltoonni baankichaa miiliyoona 10.4tti guddachuun yeroo gababaa keessaatti bu’aa qabeessa ta’uu akka danda’e eeraniiru.

Baankichi tajaajila baankii dhalarraa bilisaa fi tajaajilaa baankiingii dijitaalaa gama guddisuutiin hojiilee hedduun hojjetameera jedhan.

Guyyaa kabaja hundeeffama baankichaa irratti abbootiin aksiyoonaa, waldaaleen hojii gamtaa, hojjettoonni baankichaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Beeteliheem Mokuwaanintitu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.