Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyi kuufamaan naannichaa gara misoomaatti jijjiiramaa jira – Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) –Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti nageenya waareessuun qabeenyi kuufamaan gara misoomaatti jijjiiramaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan ibsan.

Sagantaa maaddii guutuu hordoffii cimaan hojiirra oolchuun yeroo gabaabaa keessatti bu’a jajjabeessaa galmeessuun danda’amuu Obbo Ashaadiliin himaniiru.

Rakkoon nageenyaa misooma naannichaa akka hin gufachiifne xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Ashaadilii Hasan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiitti himaniiru.

Misooma Horsiisa Beelladaa, Kanniisaa fi Qurxummii dabalatee hojiileen misoomaa garaagaraa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Qabeenya naannichaa adda baasuun hojiin gara misoomaatti jijjiiruu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiileen hojjetaman naannichatti qaala’iinsa gatii tasgabbeessaa jiraachuu himaniiru.

Fireehiwoot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.