Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyaa tuuriizimii keenya misoomsuun imala badhaadhinaa ni dhugoomsina-TKM

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Qabeenyaa tuuriizimii keenya misoomsuun imala badhaadhinaa keenya ni dhugoomsina jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi, “Yaadama Haaraa Tuuriizimiif” mata duree jedhuun guyyaa tuuriizimii addunyaa 35ffaa kabajamaa jiru ilaalchisuun ibsa baaseera.

Ibsichaan hedduun damee tuuriizimii ‘indaastirii aara maleessaa’ jechuun kan ibsanii fi ummataa fi biyyaaf faayidaa hedduu kan kennuu iccitii guddinaa isa ijoodha jedheera.

Ityoophiyaan damee kanaan muuxannoo fi beekumsaa qabaattus bakkeewwan hawwataa tuuriizimii umamaa misoomsuu fi beeksisuun galii gamaa irraa argachuutiin hojiilee hedduun akka hafan ibseera.

Keessumaa tuuriizimii biyyaa keessaa fayyadamuun qabeenyaa maddisiisuurratti hanqinaaleen akka mul’atan tuquun, tuuriizimii biyya keessaarratti hojjechuun lammiileen biyya isaanii bal’inaan akka beekanii fi odeeffannoo gahaa qabeenyaalee jiraanii akka qabaataan hojjechuun murteessaa ta’uu ibseera.

Ityoophiyaan qabeenyaa umamaa hedduu ifa hinbaaneen kan badhaate ta’uu kan ibsuu ibsii Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa, qabeenyaalee kanneen sirnaan misoomsuun gara qabeenyaa fi sonatti jijjiiruun fooyya’iinsa jireenya lammiileef, dhaabbilee mootummaa damecha hogganan keessumaa Ministeerrii Tuuriiizimii fi dhaabbilee deeggartootaarraa tattaaffii fi hojiilee hedduun akka eegamu ibseera.

Erga jijjiiramaa as damechaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa akka jiru eeruun, hoggansaa fi yaadaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin xiyyeffannaan damechaaf kenname jajjabeessaadh jedheera.

Kanaanis, “Maaddii Biyyaaf”, Paarkiin Michummaa, Inxooxxoo fi Paarkiin Tokkummaa pirojektoota damee tuuriizimiif sona dabalan ta’uu ibseera.

Daalataanis, bakkeewwan hawwata tuuriizimii Wancii, Gorgoraa fi Kooyishaa misoomsuun damee tuuriizimii gara boqonnaa caaluutti ceesisuuf hojiilee hojjetamaa jiran keessaa ta’uu eereera.

Hojiilee damee tuuriizimii cimsuuf hojjetamaa jiran kunneen Afrikaa keessa biyyattii bakkee hawwata tuuriizimii filatamtuu taasisuu garasitti, bu’uurarraa Ityoophiyaa addunyaarratti dorgomtuu kan taasisuudha jedheera.

Dabalataanis, dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuun rakkoo hojii dhabdummaa akka furu kan itti amaname ta’uu eera.

Tuuriizimiin galii qofa utuu hintaane maqaa Ityoophiyaa addunyaatti ifa kan baasuu ta’uu kan eeru ibsichi, bu’aalee hedduu akka fiduuf rakkoolee bu’uuraa furuun, furmaata waaraa fiduuf qaamolee dhimmichi ilaallaturraa ittigaafatama eegamuudha.

Akkasumas abbootiin qabeenyaa damecharratti hirmaachuun carraa ofii isaa fi biyya isaa fayyadu qaba.

Qabeenya olaanaa guutummaatti hojiirra hinoolle kana sirnaan misoomsuu fi beeksisuun yaa’iinsi tuuristii akka dabalu taasisuun misooma keenyaa saffisiisuun murteessa ta’uu eereera.

Tuuriizimiirra darbees rakkoolee nageenyaa mudatan ittifufiinsaan furuun bu’aalee damecharraa argaman qooddachuuf yeroo murteessaarratti kan argamnuudha jechuun Tajaajillii Kominiskeeshinii mootummaa ibsa isaan kan beeksise.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.