Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya uumamaa tiksuun ergama guddicha ilma namaatiif kennameedha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Qabeenya uumamaa tiksuun ergama guddicha ilma namaatiif kennameedha jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Biyyi bu’uuressuufi dhaloonni waaressu qormaata injifatee galma waloo dhugoomsa jedhan.

Pireezidaantii Shimallis sagantaa Ashaaraa Magariisaa ilaalchisee ergaa fi waamicha dhiyeessaniiru.

Guutuun ergaa fi waamicha isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Qabeenya uumamaa tiksuun ergama guddicha ilma namaatiif kennamedha. Qabeenyi uumamaa kunuunfames jireenya ilmoo namaa dachaa eebbaaf qopheessa; madaallii uumamaas ni tiksa. Ilmi namaa garuu ergama guddicha kunuunsuufi tiksuu kennameef faallaa jiraachuun mancaasee addunyaa rakkoo jijjiirama qilleensaan qoramaa jirtu keessummeesse.

Kanaafis falli ergama ganamaatti deebi’uun idaa kaleessaa kaffalanii hojmaata bosonoomsuu, kunuunsuufi tiksuu hojiirra oolchuun filannoo dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu murteessudha.

Addunyaa muddama jijjiirama qilleensaa damdamachuu dadhabaa jirtuufis falli Imala Sagantaa Ashaaraa Magariisaan jalqabnee jirru milkeessuun uumamatti araaramuu qofaadha.

Kanaafis biyyi keenya Itoophiyaafi naannoon keenya Oromiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2011 tarkaanfii haaraa MM Dr Abiyyi Ahmad fudhataniin ergama guddicha qabeenya uumamaa harka keenyaan mancaafne deebisnee bosonoomsuu, kunuunsuufi tiksuu hojiirra oolfameen qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuu akka dandeenyu argineerra.

Uummanni keenyas barii jijjiiramaa irraa eegalee jijjiirama qilleensaa mudachaa jiru qolachuuf ergama waloon fudhate waloon milkeessee jira. Kanaanis dhaloota biyya magariisa dhaalchisuuf galma tarkaanfii beekumsaan masakame irraa maddeen utubamee imala karaa dheeraa tarkaanfiin miidhage hojiirra oolchaa jira.

Kutannoofi hirmaannaa uummata keenyaan hojii hojjetamaa jiruun rakkoo jijjiirama qilleensaa furuu, uwwisa bosonaa dabaluu, eegumsa biyyeefi bishaanii fooyyessuun jijjiiramni abdachiisaan mul’achaa jira.

Waggoota Shanan darbe kanatti biqiltoota gosa gara garaa faayidaa damdaneessummaa qaban biliyoona 18.3 dhaabuu dandeenyeerra. Kanaanis uwwisni Bosonaa naannoo keenyaa Bara 2011 dura % 17 irra ture gara % 26.7tti guddisuun dandaa’ameera.

Hojii hanga ammaatti hojjetame Kanaanis mancaatii bosonaa xiqqeessuu, dhiqama biyyee hir’isuufi oomishtummaa fooyyessuun danda’amaa jira.

Kabajamtoota uummata naannoo keenya!
Harki hojjetu goota ta’uu argineerra. Karoorsinee ummata keenya qindeessuun hiriirsinee gootummaa keenya damee kanaanis mirkaneessineerra. Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa marsaa 6ffaa Ganna kana gaggeessinuufis qophii ga’aan taasifameera. Harki waktii Bonaa hojii kunuunsa qabeenya uumamaaf haala mijeesse ganna kanas gamtaan ba’uun sagantaa dhaabbii biqilaa Ashaaraa Magarisaatiif akka tumsitan waamicha kabajaa isiniif dhiyeessuun barbaada.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaa waggaa 2ffaa bara kanaatiin biqiltoota gosa garaa garaa faayidaa damdaneessummaa qaban biliyoona 5.5 dhaabbiif qophaa’e keessaa biliyoonni 4.9 ol akka dhaabbatuuf xiyyeeffannaa olaanaa kenninee hojjechaa jirra.

Mul’atni ashaaraa magariisaa hirmaannaa lammii hundaatiin dhugooma. Biyyi bu’uuressuufi dhaloonni waaressu ashaaraa dhalootaa dhalootatti darbu qabaata. Ashaaraa Magariisa bu’uura iccitii milkaa’inaafi badhaadhina keenyaa ta’e jecha qofaan dhaadannee osoo hin taane uummata keenya waliin qindoofnee milkeessaa jirra.

Kanaanis naannoo keenya Oromiyaa bakka jireenya dhala namaaf mijooftuu, miidhagina uumamaan gonfatteefi ga’umsa tuuristii filatamtuu taasisuuf kutannoon keenya har’aa Itoophiyaa kan cimsu abdii dhaloota egerees kan ijaarudha. Kanaafis sagantaa Ashaaraa Magariisaa ajandaa waloon qabanne xiiqiin milkeessuun egeree keenyaaf har’a bu’uura akka taanu waamichan dhiyeessa.

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nu gargaara.

Shimallis Abdiisaa;

Pirezidaantii MNO

Waxabajjii, 2016

Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.