Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya uumamaa eeguu fi kunuunsuu dirqama dhaloota ta’uu qaba-BQO

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Qabeenya uumamaa eeguu fi kunuunsuun dirqama dhaloota ta’uu akka qabu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Jilli Itti Aanaa Hoggannaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Godina Harargee Lixaatti hojii eegumsa biyyee fi bishaanii akkasumas qophii biqiltuu ashaaraa magaariisaa hojjetamaa jiru daawwateera.

Daawwannicharratti Obbo Eeliyaas hojii qonnaan bultoonni Harargee Lixaa “Ambaasaddara misooma suluulaati” jechuun hojii daagaa hojjetaa jiran dinqisiifataniiru.

Qonnaan bultoonni hojii biyyattiif fakkeenyummaa gaarii qabu hojjechaa jiran cimsanii akka fufanii fi bu’aa isaarraas fayydamoo akka ta’an gaafataniiru.

Dabalataanis, buufata biqiltuu Gammoojjii Aanaa Mi’eessoo fi kompoostii qophaa’aa jiru daawwataniiru.

Suluula misoomaa jiru keessatti damma akka oomishaniif gaagurri ammayyaa qonnaan bultootaaf kennamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.