Qabeenya uumamaa Ardii keenyaa fayyadamuuf walta’iinsaa cimaa fi duudhaa obbolummaa barbaada-Dooktar Abiy
Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Qabeenya Umamaa Ardiin Afrikaa qabdu fayyadamuuf biyyoota miseensa gamtichaa gidduutti walta’iinsaa cimaa fi duudhaa obbolummaa barbaachisa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad, Pireezidaantota biyyootaa Ruwaandaa, Angoolaa, Moozaambiikii fi Naayijeeriyaa waliin marii gamlamee taasisuu ibsaniiru.
Mariin isaaniis tattaffiiwwan misoomaa waloo taasifamanirratti kan xiyyeeffate ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.