Qabeenya Turizimii naannoo Oromiyaa beeksisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 25, 2015 (FBC) – Qabeenya Turizimii Naannoo Oromiyaa beeksisuun galii damichaarra argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Turizimii Oromiyaa beeksise.
Iddoolee hawwata Turistootaa misoomsuu, daawwattootaaf mijataa taasiisuu fi beeksisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Komishinaraa Komishinii Turizimii Oromiyaa Daraaraa Katamaan ibsaniiru.
Hojiin beeksisuu kan biyya keessaa dabalatee Ruwaandaa, Zaanzibaar, Jarmanii fi Fiinlaanditti hojjetamuu himaniiru.
Abbootii qabeenyaa damee Turizimiirratti hojjetaniif haalli kan mijatu ta’uu kaasaniiru.
Naannichatti Wancii, Piroojektii Ikkoo Turizimii Dandii fi Holqa Soof Umar dabalatee iddooleen hawwata Turizimii misoomaa jiraachuu dubbataniiru.
Yohaannis Darribootu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.