Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya Raashiyaa Ugguraman keessaa Doolaarri biiliyoonni 1 Yuukireeniif liqiin kenname

Finfinnee, Mudde 16, 2017 (FMC)- Bu’aa qabeenya Raashiyaa Ugguramanii keessaa Doolaarri biiliyoonni 1 Yuukireeniif liqiin kennamuun gabaafame.

Mooskoon qabeenya isheerratti tarkaanfii fudhatamu kamuu “Hanna” akka ta’ee fi tarkaanfiin akkanaa seerota Addunyaa kan faallessu, sharafa biyyoota Lixaa akkasumas sirna faayinaansi Addunyaa fi diinagdee kan dadhabsiisu ta’uu ibsuun ni yaadatama.

Ministirri Muummee Yuukreen Deeniis Shimiigaal qabeenyaa Raashiyaa uggraman irraa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 20 liqiin argame keessaa marsaa jalqabaan Doolaarri biiliyoonni 1 biyya isaaniif kennamuu ifoomsaniiru.

Raashiyaa fi Yuukireen bara Faranjootaa 2022 keessaa wayitaa waraana eegalan biyyoonni Lixaa Qabeenyi Baankii Giddugaleessa Raashiyaa Doolaara biiliyoona 300’tti dhiyaatu ugguramuun eerameera.

Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaas qabeenya Raashiyaa akka hinsochooneef ugguraman irraa bu’aa argamu Yuukireeniin meeshaa waraanaa hidhachiisuuf oolchuuf ta’uun gabaafameera.

Ministirri Muummee Yuukireen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, “Qabeenyi Raashiyaa hundi dhaalamuun Yuukireeniin ijaaruuf faayidaarra akka oolan eegna” jedhan.

Dubbii Himaan Kireemliin Dimiitirii Peeskoov gama isaaniin, Mooskoon qabeenya ishee irratti gochaa “Hannaa” irratti kan hirmaatanirratti tarkaanfii seera akka fudhatu akeekkachiisuu RT’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.