Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya keenya sirnaan beeksisuu dhabuurraan daldala alaarraa faayidaa argachaa hinjirru-Dooktar Kaasahuun Gofee

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- Biyyattiin qabeenyaa qabdu sirnaan beeksisuu dhabuurraan, damee daldala alaarraa faayidaa argachuu mallu argachaa hinjirru jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofeen.

Torbee daldalaa mata duree “Kan Itiyoophiyaa Bitaa” jedhuun qophaa’e cinaatti waltajjiin marii paanaalii hirmaattota damichaa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Dooktar Kaasahuun Gofeen, qabeenya keenya sirnaan beeksisuu dhaabuurraan kan ka’e faayidaa damee daldala alaarraa argachuu malluu argachuu hindandeenye jedhan.

Damee daldalaaf oomishuun, sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomaa ta’uu barbaachisa jedhaniiru.

Gama biraatiin, sirna daldala seeraan alaa gama ittisuutiin fooyyessiin Diinagdee Gooroo haala mijataa kan uumu ta’uu kaasanii, baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun, walitti hidhamiinsa gabaa bal’aa uumuuf, dorgomtummaa damee daldala alaa guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Walitti Hidhamiisa Naannawaa Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa qophiin duraa barbaachisaan taasifamuun dhiyeenyatti gara yaaliitti kan seenamu ta’uu Dooktar Kaasaahuun Gofeen akeekaniiru.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.